
Barnoota Yaachisaa Ummata Hundaaf
Qopheessaan Kabajamoo Sheekh
Abdulaziiz bin Abdallaah bin Baaz
Rabbi rahmata isaaf haa godhu.
Duree
Maqaa Rabbii rahmata godhaa mararfataa taheetiin.
Galanni Rabbii gooftaa aalamaatiif haa galu, booddeen bareenni warra sodaa Rabbii qabaniif haa ta'u,
nagayaaf rahmanni Rabbii gabrichaa fi ergamaa nabiyyii keenya muhammad irratti haa bu'u, firaafii
saahiboota isaanii hundaawu.
Eeganaa:
Kuni ibsa garii haasawa gabaabaa namoonni hundi Amantii Islaamaa keessatti beekuun irratti dirqama
tayu ilaalchiseeti, akkana jechuunis moggaase: Barnoota Yaachisaa Ummata Hundaaf
Akka Muslimtoota ittiin fayyadu Allaahin kadha, akksuma akka narraa qeebalus, Inni kennaa arjoomaa
dha.
Abdulaziiz bin Abdallaah bin Baaz
Barnoota Yaachisaa Ummata Hundaaf
Barnoota Tokkoffaa
Suuraa Faatihaa fi Suurawwan Gaggabaaboo
Suuraa Faatihaa fi waan mijate Suurawwan Gaggabaaboo irraa, Suuraa Zalzalaa irraa hanga
Suuratu-Nnaasii, dubbisuu, akkasuma qiraatii sirreessuu, qomatti qabachuu, akkasuma waan hubachuun
dirqama tahu hiikuu.
Barnoota Lammaffaa
Utubaalee Islaamaa.
Ibsa Utubaalee Islaamaa Shananii: kan jalqabaa fi irra guddaan: Allaahin malee gabbaramaan haqaa hin
jiru jechuu ragaa bahuu, akkasuma Muhammad ergamaa Rabbii tahuu isaa hiikkawwan isaanii ibsuu
wajjiin, Ulaagaalee Laailaaha illallaah ibsuu wajjiin, Hiikkan isii: Laailaaha jechuun waan Allaahin malee
gabbaramu hunda dhabamsiisuu, illallaah gabbarummaa Allaahiif isatti yagutoomsun maletti raggaasisuu,
Ulaagaaleen Laailaahaillallaah ammoo beekumsa fallaa wallaalaa, mirkaneessuu faallaa shakkii,
qulqulleessuu faallaa yagutoomsuu, dhugaan jechuu kijibsiisuun maletti, jaalachuu faallaa jibbuu,
ajajamuu faallaa yagutoomsuu, fudhachuu faallaa diduu, waan Rabbiin malee gabbaramutti kafaruu.
kanas walaloo asiin gadii kanatti walitti qabee jira:
Beekumsaa fi Qulqullummaa, dhoguumsuu wajjiinii Jaalachuu fi ajajamuu akkasuma isii fudhachuunii itti
dabaluu saddeettaffaa kafartii sirraa taateniinii gabbaramtoota Rabbiin malee gabbaramturrattiinii
Ibsa Muhammad Ergamaa Allaah tahuu kennuu wajjiin, waan Inni (Muhammad S.A.W) hime
dhugoomsuun, waan inni itti ajaje tole jechuun, waan inni irraa dhoorgee fi irraa xixerraa fagaatuun, karaa
Allaahii fi Inni godhan maleen Rabbi gabbaruu dhabuun mirkanaaya. Ergasii Barattootaaf Utubaalee
Islaamaa Shanan hafan ni ibsamu; Isaanis: Salaata, Zakaa, Ramadaana Soomuu, Nama dandeettii
qaburratti mana Rabbii Hajjii godhuu.
Barnoota Sadaffaa
Utubaalee Iimaanaa
Isaanis jaha: Allaahitti Amanuu fi Malaa'ikatti Amanuu, Kitaabota Isaatti, Ergamtootatti, Guyyaa
Aakhiraatti amanuu fi Qadaratti amanuu kheeyrii yookin sharrii tahus Rabbii ol-tahe irraayi jedhanii
amanuu.
Barnoota Afraffaa
Qoqqoodamaa Tawhiidaa fi Qoqqoodama Shirkii
Ibsa qoqqoodama Tawhiidaa; Isaanis sadihi Tawhiida gabbarummaa, Tawhiida gooftummaa fi Tawhiida
Maqaawwanii fi Sifaataa.
Tawhiidni Rabbummaa: Allaahin qulqullaahe uumaa waa hundaatii fi waan hunda kan olii-gadi
garagaggalchu isaa jedhanii amanuu, kana keessatti waahela hin qabu.
Tawhiidni gooftummaa ammoo: Allaahiin qulqullaahe isa malee gabbaramaan haqaa hin jiru jechuu fi
kana keessatti waahelaa hin qabu jedhanii amanuu, kuni hiikkaa Laailaaha illallaahiiti, Hiikaan isii:
Haqaan gabbaramaan Allaahin malee hin jiru, Ibaadaan cufti kan akka Salaataa fi Soomanaa fi kan
biroos Rabbiif qulqulleessuun dirqama. waan tokkollee kan birootiif godhuun hin heeyyamamu.
Tawhiidni Maqaa fi Sifaataa ammoo: kuni waan Qur'aana keessatti yookin Hadiisa Sahiiha waayee
Maqaa Rabbiitii fi Sifaataa keessatti buufame hundatti amanuu dha, akkasumas haala rabbiin maluun
osoo hin jallisin, osoo hin dhabamsiisin, osoo hin fakkeessinii fi fakkeenya itti hin godhin raggaasisuufii
dha. Jecha Rabbii qulqullahetti dalaguuf: Jedhi: "Inni Allaah (gabbaramaa dhugaa) tokkicha. Allaahin
hirkoo waa hundaati. Hin dhalle hin dhalannes. Hiriyaan tokkoos isaaf hin taane.” (Suuraa As-Samad
guutuu), Ammas jecha Rabbii ol-taheeti: Fakkaataan akka isaa tokkolleen hinjiru, inni dhagayaa
argaadha. (Shuuraa: 11)
Warri beekumsa qaban gariin isaanii lama godhanii jiru, Tawhiida Maqaatii fi Sifaataa Tawhiida
Rabbummaa jala seensisanii jiru, kana keessatti ammoo wal-dhabbiin hedduu hin mul'atu, qoqqoodama
lachuu keessatti wanti itti fedhame ifa waan taheef jecha.
Shirkiin bakka sadihitti qoodama: Shirkii guddaa, Shirkii xixiqqaa, fi Shirkii dhokataa dha.
Shirkiin guddaan nama isarratti du'een dalagaa hundaa nama jalaa balleessa ibidda keessas abad nama
qubsiisa. Osoo yagutoomsanii Rabbiin waan isaan dalagan jalaa ballessa' (Al-An'aam: 88) Rabbiin ol
tahe akkana jedhe: Odoo lubbuu isaanii irratti kufrii ragaa ba’anii masjiidota Rabbii jiraachisuun
mushrikootaan hin malu, Isaan dalagaan isaanii badde Isaan ibidda keessa yeroo hunda jiraatu
(At-Tawbaa: 17), Namni isarratti du'e isaaf hin dhiifamu, Jannatni isarratti haraama, Akkuma Rabbiin
ol-tahe jedhe: Allaah nama Isatti yagutoomsuu hin dhiisu (itti hin araaramu), waan san (yagutoomsuu)
malee jiru abbaa fedheef ni dhiisaf' (An-Nisaa' 48), Rabbiin ol tahe akkana jedhe: ...dubbiin namni Rabbitti
waa qindeesse, Rabbiin isa irratti jannata haraama taasiseeraTeessoon isaas ibiddaMiidhaa
raawwattootaafis tumsitoonni hin jiranu." (Al-Maa'idaa: 72),
Akaakuulee isaatirraa: warra du'e yaamatuu, waan Rabbiin malee gabbaramuun gargaarsa barbaaduu,
jaraaf silatii godhuu, akkasuma jaraaf qaluu fi kan kana fakkaatan.
Shirkiin xiqqaan ammoo: Innis waan Qur'aana fi Hadiisota keessatti shirkii jedhamee moggaafamuun
dubbatame, haa tahuu garuu bifa shirkii guddaa keessatti hin ramadamu, dalagaa garii keessatti akka na
argii faa, Allaahiin malee waan birootiin kakatuu, waan Allaah fedhe ebalus fedhe jechuu fi kan kana
fakkaatan; Waan nabiyyichi nagayaa fi rahmanni Rabbii irra haa jiraatuu akkana jedhaniif: Irra
sodaachisaan wanti ani isinirratti sodaadhu irraa Shirkii xixiqqaa Irraa gaafatamees, akkana jedhe: Na
argii Imaam Ahmad, Xabaraanii fi beeyhaqiin hadiisa Mahmuud bin labiid Al-Ansaarii Rabbi irraa haa
jaalatuu isnaada gaariitiin irraa odeessanii jiru, Ammas Xabaraaniin isnaada gaariin Mahmuud bin labiid
akkasuma Raafi' bin kadiij irraa Nabiyyichi nagayaa fi rahmanni Rabbii isaanirra haa jiraatuu nuu
odeeffamee jira- Ammas jecha Ergamaa Rabbii nagayaaf rahmanni isarratti haa bu'uu. Namni maqaa
Allaahiin malee waan birootiin kakate dhugaa yagutoomse (Rabbitti waaheloomse) Imaam Ahmad
isnaada Sahiiha keessatti odeesse Umar ibnul khaxxaab irraa Rabbi irraa haa jaalatuu- Abuu daawuud fi
Tirmiizinis gabaasanii jiru, hadiisa ibnu Umar Rabbi irraa haa jaalatuu Ergamaa Rabbii nagayaaf
rahmanni isarratti haa bu'uu- akkana jedhan: Namni Allaahiin malee waan birootiin kakate dhugumatti
kafaree jira Ammas jecha Ergamaa Rabbii nagayaaf rahmanni isarratti haa bu'uu. Waan Allaah fedhe
ebalus fedhe hin jedhinaa; garuu akkana jedhaa: Waan Allaah fedhe ergasii ebalu fedhe. Abuu daawuud
isnaada sahiihaan gabbasee jira, Huzeeyfaa ibnul yamaan Rabbi irraa haa jaalatuu
Akaakuun akkanaa kuni Islaamummarraa baye hin jedhamu, ibidda keessatti zalaalamii hin qubsiisu,
garuu guutummaa Tawhiidaa dirqama tahe balleessa.
Akaakuun Sadaffaa ammoo: innis shirkii dhokataa dha, ragaan jecha nabiyyichaati nagayaa fi rahmnanni
Rabbii isaanirra haa jiraatuu- Masiih Addajjaalirra waan irra isiniif sodaadhu isiniif himuu? Ni jedhan,
Eeyyen nuuf himi Yaa Ergamaa Rabbii, Akkana jedhe: Shirkii dhokataa jechuun, Namtichi tokko salaata
isaa keessatti yeroo dhaabatu yoo namni isa laalu bareechee haala gaarin salaata Imaam Ahmad
musnada keessatti odeesse Hadiisa Abii Sa'iidal khudrii Rabbi irraa haa jaalatuu. Shirkii iddoo lamatti
qofatti qooduun ni danda'ama Guddaa fi Xixiqqaa, Shirkiin dhokataan ammoo jara walitti qabata
Guddicha keessa bu'a. akka shirkii munaafiqootaa; ilaalcha aqiidaa badaa isaanii waan dhoyfataniif,
ammas ofiif sodaatuudhaan Muslimtoota tahuu gubbaan of mul'isan. Shirkii xixiqqaa keessatti taya,
akkuma hadiisa Mahmuud bin Labiid keessatti laalle, ammas hadiisa Abii sa'iid keessatti dubbatametti.
Allaah...
Barnoota Shanaffaa:
Al-Ihsaan
Utubaan Ihsaanaa, innis: Ati Allaahiin akka waan argituutitti gabbaruu dha, yoo ati Isa hin argin Inni si
arga.
Barnoota Jahaffaa:
Ulaagaalee Salaataa
Isiin sagali: Islaamummaa, Aqlii, waa addaan baafachuu, xuraawaa ofirraa baasuu, najisarraa
qulqullaawuu, qaama dhoksuu, yeroon seenuu, Qiblatti garagaluu, niyyatuu.
Barnoota Torbaffaa:
Utubaalee salaataa.
Isiin kudha Afuri: Dandeettii waliim dhaabachuu, Takbiiraa Ihraamaa, Faatihaa qara'uu, Rukuu'a,
Rukuu'arraa ol jechuu, humna (qaamolee torbaan) sujuuda godhuu, isarraa ol jechuu, sujuuda lameen
jidduu taa'uu, dalagaalee hunda tasgabbiin gaggeessuu, utubaalee hunda tartiibaan raawwachuu,
tashahhuda dhumaa taa'uu, isaaf taa'uu, Nabiyyicharratti S.A.W salawaata buusuu fi Salaama lameen
baafachuu.
Barnoota Saddeettaffaa:
Dirqamoota Salaataa
Isiin Torba: Takbiira ihraamaa malee hundumaayyuu, Imaamaa fi nama adda salaatuuf sami'allaahu liman
hamidah jechuu, hundumtuu Rabbanaa walakal hamd jechuu, Subhaana Rabbiyal-Aziim rukuu'a
keessatti jechuu, Subhaana Rabbiyal A'alaa sujuuda keessatti jechuu, teessuma sujuuda lameenii jidduu
Rabbigfirlii jechuu, Tashahhuda awwalaa, isaaf taa'uu.
Barnoota Saglaffa:
Ibsa Tashahhudaa
Innis akkana jechuu dha: Attahiyyaatu lillaahi, wassalawaatu, waxxayyibaatu, assalaamu aleeyka
ayyuhan-nabiyyu warahmatullaahi wabarakaatuh, assalaamu aleeynaa wa'alaa ibaadillaahis-saalihiina,
ashhadu an laailaaha illallaahu wa ashhadu anna Muhammadan abduhuu warasuuluh. Ergasii itti aansee
Nabiyyicharratti S.A.W salawaata buusuu, isarratti barakeessuudhaanis, akkana haa jedhu: Allaahumma
salli alaa Muhammadin, wa'alaa aali muhammadin, kamaa salleeyta alaa Ibraahiima wa alaa aali
Ibraahiima Innaka Hamiidun Majiid, wabaarik alaa Muhammadin, wa alaa aali Muhammadin, kamaa
baarakta alaa Ibraahiima innaka hamiidun majiid. Itti aansuunis tashahhuda xumuraa keessatti qixaaxa
(azaaba) jahannam irraa Rabbitti maganfata, akkasuma azaaba qabrii, fitnaa jiruu fi du'aa irraahis ammas
fitnaa masiihud-dajjaala irraahis Allaahitti maganfata, Ergasii du'aa'ii fedhe keessattuu du'aa'ii hadiisa
keessatti dubbataman filatee godha, saniniinirraa: Allaahumma a'innii alaa zikrika wa shukrika wa husni
ibaadatika, Allaahumma innii zalamtu nafsii zulman kasiiran, walaa yagfiruz-zunuuba illaa Anta, fagfirlii
magfiratan min indika, warhamnii innaka antal-gafuuru rrahiim.
Tashahhuda duraa keessatti garuu shahaadateeynii erga jedhee booda raka'aa sadaffaatiif dhaabbata
salaatawwan akka Zuhrii, Asrii, Magribaa fi Ishaa'iitif fa'arratti, Yoo Salawaatas Nabiyyicharratti S.A.W
buuse irra filatamaa dha; Hadiisonni baay'een waan sanirratti dubbataniif, ergasii raka'aa sadaffaatiif
dhaabata.
Barnoota Kurnaffaa:
Sunnaawwan Salaataa
Irraa:
Du'aa'ii baniinsa salaataa jechuu.
Ganaa harka mirgaa isaa harka bitaa isaa irra kaayuun yeroo dhabatu qoma isaa irraa kaayata, rukuu'a
duras boodas
Takbiiraa duraa irratti, ammas yeroo rukuu'a bu'iinsaa, fi yeroo rukuu'arraa ol- jedhamu, akkasuma
teessuma jalqabaa irraa gara raka'aa sadaffaatif yeroo ol-ka'amu harka lamaan ofii qubbiin
wal-qixxeessun ceekuu yookin gateettii biratti diriirsuun yookin gurra lamaanitti qixxeessuun ol- qabuu.
Wanti tasbiiharraa rukuu'a fi sujuuda keessatti tokkoo ol dabalame
Rukuu'a irraa erga ol jedhanii wanti Rabbana walakal hamdu irratti dabalamu, akkasuma sujuuda lameen
jiddutti araarama kadhachuu irratti tokko irratti wanti dabalames
Rukuu'a keessatti Mataa ofii qixxee dugdaatiin godhuu
Yeroo sujuuda godhan irree harkaa lameen cinaacha lamaan irraa akkasuma garaa ofii tafaa fi mogolee
miilaa lamaan irraa fageessuu
yeroo sujuudaa ciqilee lameenuu lafarraa ol siisuu (kaasuu)
Nnamni salaatu tokko teessuma duraatii fi teessuma sujuuda lameen jidduutti miila bitaa uf jala afee irra
taa'uun, miila mirgaa ammoo gadi dhaabuu.
Salaata raka'aa sadihii fi afurii teessuma xumuraa irratti taa'umsa tawarrukaa taa'uu sunis: miila bitaa ofii
mirga jala godhuun miila mirgaa gadi dhaabanii teessoo ofiitirra taa'uu dha.
Tashahhuda duraatii fi boodaa keessatti hanga teessuma xumuraatti qubaan akeekuu akkasuma yeroo
du'aa'ii ammoo sochoosuu
Teessuma jalqabaa keessatti Salaata fi barakaa Nabi Muhammadii fi warra isaanii akkasuma Nabi
Ibraahiimii fi warra Isaanii irratti buusuu
Tashahhuda xumuraa keessattii du'aa'ii godhuu
Salaata akka Fajrii, Salaata Jum'aa, Salaata Iidaa lameen, Salaata yeroo roobni dide haa roobuf
salaatamu, akkasuma Salaata Magribaa fi Ishaa'ii raka'aalee duraa lameen keessatti sagalee ol fuudhee
qara'uu
Salaata akka Zuhrii, Asrii, fi raka'aa sadaffaa salaata magribaa irraa, akkasuma Salaata Ishaa'ii
raka'aalee lameen booda keessatti sagalee dhageessisuun maletti dhoksaan qara'aa salaata.
Qiraatii Qur'aanaa irraa Faatihatti waan dabalame, waan olitti ibsinee bira tarre malee sunnaawwan
salaataa hafan hadiisa keessatti dubbataman yaada keessa galchuu, sanniinirraa: jecha nama salaatu
tokkorratti waan dabalamu: erga rukuu'arraa ol jedhee booda Rabbanaa walakal hamdu jechurratti kunis
Imaamaaf, nama itti hidhatee salaatuu fi addatti salaatuuf, kuni sunnaa dha, ammas: yeroo rukuu'a godhu
qubbiin harkaa gar gar baasuun jilba qabatuu.
Barnoota Kudha Tokkoffaa
Wantoota Salaata Balleessan
Isiin Torba:
beekaa fi osoma yaadatu haasayuu, namni dagatee yookin wallaale kanaan Salaatni isaa hin baddu
Kolfuu.
Nyaachuu.
Dhuguu.
Qaamni (awraan) mul'achuu.
Kallattii Qiblaa irraa baay'isanii garagaluu.
Salaata keessatti tapha walitti fufe baay'isuu
Xahaaraa balleessuu.
Barnoota Kudha Lammaffaa
Ulaagaalee Wuduu'aa
Isaanis Kudhani: Islaama, Aqlii qabaachuu, waa addaan baafachuu, niyyaa, hanga xahaaran isaa
guutamtuufii addaan kutuu dhabuu fi itti fufuu yaaduu, wanti wuduu'a dirqamsiisu cituu, dura Istinjaan yoo
waan gogaan qoorfachuu, waan gara qaamaa gahuu dhoorgu dhabamsiisuu, waqtiin salaataa seenuu.
Barnoota Kudha Sadaffaa
Dirqamoota Wuduu'aa
Isaanis Jaha: Fuula dhiqachuu sanirraa afaan ofii lulluuqachuu fi bishaan funyaan keessa seensisanii
baasuu, harka ofii ciqilee wajjiin dhiqachuu, rifeensa mataa ofii haxaayuu gurra lameen wajjiinuu, miila
lameen hanga kiyyootti dhiqachuu, tartiiba godhuu, walitti fufiinsan dalaguu. Fuula yeroo dhiqatan
deddeebisanii dhiqachuun jaalatamaa dha, akkasuma harka lameen ofii, ammas miila lameen yeroo sadi,
akkuma kana bishaan afaanii fi funyaan keessa seensisanii baasuu. kanarraa wanti dirqamaa yeroma
takka, rifeensa haxaayuu ammoo deddeebisuun hin jaalatamu akkuma hadiisonni sahiihni akeektutti.
Barnoota Kudha Afraffaa
Wantoota Wuduu'a balleessan
Isaanis Jaha: Karaa lameeniin wanta bayu, xuraayaa fi fokkataa qaamarraa bahu, aqliin hirribaan yookiin
waan birootiin deemuu, girdoo maletti qaama saalaa ofii fuunduree tayinna duuba ofii harkaan tuquu, foon
gaalaa nyaachuu, Islaamummarraa deebi'uu, Rabbiin nuufii Muslimtoota hundaa haa tiksu.
Hubachiisa cimaa: Ammoo nama du'e reeffa dhiquun wuduu'a hin balleessudha sirriin, kuni ammoo jecha
Ulamaa'ota hedduuti; kana keessatti wanti ragaan hin jirreef jecha, garuu namni dhiqu harka isaatiin
qaama saalaa nama du'ee girdoon maletti yoo tuqe wuduu'ni irratti dirqama taya.
Dirqamni qaamni saalaa nama du'ee girdoon maletti tuqamuu dhabuu dha, akkuma kana wanti jecha
sirraawaa ulamaa'otaa taye dubartii tuquun gonkumaa wauduu'a hin balleessuu dha. fedhiin (shahwaan)
tayuu tayuu baatus waan waa irraa hin bayiniin, Nabiyyichi S.A.W warra ofii dhungatee osoo deebisee
wuduu'a hin godhin waan salaate jecha.
Garuu jechi Rabbii guddaa aayatoota suuraa An-nisaa'ii fi Al-Maa'idaa keessaa: yookiin dubartootaan wal
tuqxanii (An-Nisaa' :43), (Al-Maa'idaa:6), wanti itti fedhame: wal-qunnamtii salaati, kuni irra sirraawaa
jecha ulamaa'otaati, kunis jecha ibn Abbaas Rabbi irraa haa jalatuu fi akkasuma garee warra dur dabran
salafootaa fi warra boodati. Allaah abbaa taytaa dhugaafi sirrii kan nama mudachisu dha.
Barnoota Kudha Shanaffaa
Muslimni martuu Haala (Akhlaaqa) shari'aa godhame
qabaachuu
Sanirraa: dhugummaa, Amaanaa, of tiksuu, saalfachuu, gootummaa, arjummaa, waadaa gootuu, waan
Rabbiin haraama godherraafagaachuu, ollummaa tolchuu, hanga dandayuun nama barbaadaaf
gargaarsa godhuu, haalota Qur'aana fi Hadiisa keessatti shar'aan itti akeekte kan birollee.
Barnoota Kudha Jahaffaa
Heera Islaamummaatiin heeramuu
Irraa: Salaama (nagaya wal-gaafachuu), fuula toluu, mirgaan nyaatuu fi dhuguu, yeroo waa jalqaban
bismillaahi jechuu, yeroo xumuran Rabbiin galatoomfachuu, yeroo haxxifatan Rabbiin galatoonfachuu,
nama haxxifate yoo inni Alhamdulillah jedhe kheeyriin kadhachuufii, dhukkubsataa gaafachuu, nama du'e
hordofuun awwaaluu, yeroo Masjida seenan adaba shari'aa eeguu, yookiin yeroo mana seenanii fi bahan,
yeroo karaa deeman, yeroo abbaa fi haadha ofii waliin jiran, akkasuma firaa fi ollaa wajji, xiqqaa fi guddaa
kabajuu keessatti, ammas yeroo ilma argatanii fi fuudha fi heeruma keessatti walii eebbisuu, yeroo namni
du'e wal-obsisiisuu, kan birollee Adaba Islaamummaan qabdu uffata dirachuu, baafachuu qophee
kaawwachuu faa keessatti.
Barnoota Kudha Torbaffaa
Shirkii irraa Eeruu fi Akaakuulee Ma'siyaa
Isaanirraa: Torban nama halaakan isaanis: Rabbitti qindeessuu, Falfala, lubbuu takka haqaan malee
ajjeesuu, dhala nyaachuu, horoo yatiimaa nyaachuu, yeroo waraanaa of-duubatti dheessuu, Mu'umintittii
gaarii of-tiksituu waan badaan maqaa ballessuu.
Isaanirraa: Abbaa fi Haadhatti jallatuu, ragaa kijibaa kennuu, Iimaana sobaa, ollaa rakkisuu (azaa
godhuu), dhiiga, horoo gurra keessatti nama miidhuu, waan nama macheessu dhuguu, qumaara
taphachuu- innis meysara, nama hamachuu, nama dubbiin wal-lolchiisuu, kan biroollee kan kana
fakkaatan kana Rabbiin ol-tahe irraa dhoorge fi akkasuma Ergamaan isaa S.A.W irraa dhoorgan.
Barnoota Kudha Saddeettaffaa
Reeffa nama du'ee qopheessuu, irratti salaatuu fi awwaaluu
Ibsi bal'inaan kunoo: Jalqabarratti Nama lubbuun isaa bahuuf fiixee jirtu tokko nama du'uuf jiru Jecha: Laa
ilaaha illallaah isa jechisiisuun karaa godhamee jira. Rasuulli S.A.W akkana waan jedhaniif du'aa keessan
laa ilaaha illallah-qabsiisaa.
Muslim sahiiha isaa keessatti odeesse.
Hadiisa kana keessatti du'aa keessan jechuun wanti itti fedhame: nama du'uuf jiru, nama mallattoon
du'aa irraa mul'attuu dha. Lamaffaa Yoo duuti isaa mirkanaaye ija isaa cufuuni fi areeda isaa jabeessuu
kana keessatti hadiisni waan jiruuf Sadaffaan Muslima du'e tokko dhiquun dirqama yoo shahiida waraana
keessatti ajjeefame ta'e malee yoo Shahiida ta'e hin dhiqamu irratti hin salaatamus, uffatuma dur jiruun
awwaalama; Nabiyyichi S.A.W warra lola Uhudii keessatti ajjeefame hin dhiiynes jararrattis hin salaanne
Afraffaa Akkaata nama du'e itti dhiqan qaama saalaa isaa dhoksuufii Ergasii garaa isaa suuta jedhee
cuunfa yookiin dhiibinsa laafaa dhiiba, Ergasii namni dhiqu suni harka isaatti huccuu xiqqoo (guwaantii)
wahii maratee xuraawaa qaama saalaa nama du'erraa bahu qulqulleessaaf. Ergasii wuduu'a Salaataa
godhaaf, Ergasii mataa fi areeda isaa bishaani fi sidrii akkasuma kan biroon haa dhiqu, Ergasii cinaacha
mirgaa dhiqa, ittii aansee bitaa, Ammas akkuma kana yeroo lammaffaa fi sadaffaaf dhiqa, Haaluma
kanaan namni dhiqu tokko adada dhiquun harka isaa garaa irra dabarsa, yoo waa keessaa bahe ni dhiqa,
iddoo sanis waan akka xixiitiin yookiin waan birootiin cufa. yoo hin qabatin dhoqqee hoo'aan, yookiin
meeshota hammayyaa , kan akka plastaraa fi kan kana fakkaataniin Ammas irra deebi'ee wuduu'a
godhaaf, yoo sadihiin hin qulqullaayin hanga shaniitti itti dabala, yookin hanga torbaa, ergasii huccuun
goggoysa, akkasuma urgaawas qaama iddoo dhokataa fi iddoo sujuuda ittiin bu'urratti faa godhaaf, yoo
maraayyuu ittiin urgeesse bareeda, ergasii uffata keefanamuun bukhuuraan urgessa. yoo affarroon
areeda isaatii fi kotteen isaa dheeraa taye ni gabaabsaaf, yoo dhiisees rakkoo hin qabu, mataa isaa hin
dhahuuf, rifeensa qaama saalaa isaa hin haaduuf, hin kittaanus, kanarratti ragaan waan hin jirreef,
dubartii rifeensa ishee bakka sadihitti dhahaniif, duubarratti walitti qabsiisamaaf. Shanaffaa Nama du'e
yookin Reeffa keefanuu
Kan irra filatamu dhiirri uffata adii kan qamiisa fi waan maratan amaamaa hin qabne sadi keessatti
keefanamuu dha, akkuma Nabiyyichi S.A.W godhanitti- suuta suutan keessa seensifama, yoo qamiisaan
akkasuma marxoonii fi fooxaa bal'aan keefanames rakkoo hin qabu.
Dubartiin uffata shan keessatti keefanamti: guftaa, qoloo, marxoo, hansoola lama. Daa'imni ammoo uffata
tokkoo hanga sadihii keessatti keefanama, micattiin daa'imnis qamiisa tokkoo fi hansoolaa lama keessatti
keefanamti.
Dirqamummaan haqa nama du'eef godhamu hunda keessattuu uffata tokko keessatti dhokfamuu, garuu
osoo namni du'e haala ihraama keessa jiruun du'e bishaanii fi sidriin dhiqama, marxoo fi fooxaa yookiin
kan birootiinis keefanama, mataa isaatii fi fuula isaa hin haguugamu, akkasuma urgaayaan hin
godhamuuf, guyyaa qiyaamaa talbiyaa jedhaa waan kaafamuuf, akkuma hadiisa sahiha keessatti
Rasuularraa S.A.W dhufetti- yoo dubartis taate akkuma kan biroo keefanamti, garuu urgaan hin
godhamuuf, fuulli isiis niqaabaan harki isillee guwaantiin hin haguugamu, haa tayuu garuu fuulli isheetii fi
harki isii uffatuma keefanamte san jalatti dhokfama, akkuma akkaataa dubartiin itti keefanamtu ilaalchisee
ibsametti.
Jahaffaa Dhiquu fi irratti Salaatuu akkasuma awwaaluu nama haqa godhatu
namni dhiquuf,Salaataaf fi awwaaluuf irra haqa godhatu: nama inni dhaamate, ergasii Abbaa,
Akaakayyuu, ergasii aanaa fi fira irra itti aanu kuni dhiiraafi.
Dubartii dhiquuf ammoo kan durarratti yaamaman: nama isiin dhaamatte, ergasii haadha, akkayoo,
ergasii firaa fi aanaa irra isitti aanan dubartirraa, dhiirsa fi niitiin tokkoon isaanii tokko dhiquun ni tayaaf,
Abubakri Ssiddiiq radiyallaahu anhu haadha manaa isaatu dhiqe, akkasuma Aliyyis haadha manaa isaatu
Faaximaatu dhiqe.
Torbaffaa Akkaataa nama du'e irratti Salaatan Yeroo Afur Allaahu akbar jedha, Takbiira duraa booda
Suuraa Faatihaa qara'a; yoo suuraa gabaabaa yookiin aayatoota takkaa lama qara'e bareeda; Hadiisa
sahiiha waayee kanaa ilaalchisee Ibni Abbas radiyallaahu anhu nuuf odeessef jecha, Ergasii takbiira
lammataa godhee salawaata nabiyyicharratti S.A.W buusa akkuma tashahhuda salaataa keessatti
jedhutti, ergasii takbiiraa sadaffaa godhee akkana jedha: Yaa Allaah! jiraa keenyaaf, du'aa keenyaaf, kan
as jiruuf, kan as hin jirreef, xiqqaa keenyaaf guddaa keenyaaf, dhiira keenyaaf dhalaa keenyaaf
hundumaafuu araarami, Yaa Allaah! nama nurraa jiraachifte Islaamummaa irratti jiraachisi, nama nurraa
ajjeefte (boqachiifte) iimaana irratti boqachiisi. Yaa Allaah Araaramiif, rahmata godhiif, dhiifamas godhiif,
fayyaa kenniif, keessummummaasaa kabajaa godhiif, seensa (mana haaraya) isaa bal'isiif, bishaaniin,
baradaa fi fixeensaanis isa dhiqi, Balleessaa isaa irraa akkuma huccuun adiin xurii irraa qulqullooytutti isa
qulqulleessi. Bakka jireenyaa kan ganda isaa irra caalu bakka buusif, warra warra isaa caalaniin bakka
buusif, Jannata isa seensisi, fitnaa qabrii jalaa isa baasi, ibidda azaabaa jalaahis nagaya isa baasi, qabrii
isaa bal'isiif ifnanas godhiif. Yaa Allaah! mindaa namicha du'e nun dhoorgatin, isa boodas cinqaan nu hin
mokkorin (nu hin jallisin) ergasii takbiiraa afraffaa ni dhageessisa, salaama tokko gara mirgatti garagaluun
baafata. adada takbiiraa hundaatiin harka ol-fuudhuun jaalatamaa dha., yoo namni du'e dubartii taye: Yaa
Allaah isheef (namittii duuteef) araarami...faa jedhama yoo namni du'e lama tayan akkana jedha:
Allaahummagfir lahumaa...itti fufa yoo namni du'e hedduu taye akkana jedha: Allaahummagfir lahum...itti
fufa Yoo ammoo daa'ima xiqqaa dursee du'e ta'e bakka du'ii'ii araaramaa kadhatan du'aa'ii armaan
gadiitin bakka buusan: Yaa Allaah mindaa si biratti ol kaawamaa fi tikfamaa tahe haadha fi abbaaf godhi,
akkasuma manguddummaa si biraatittis awwaatamaa godhi, miizaana dalagaa isaanii ittiin ol-kaasif,
mindaa isaanii ittiin guddisiif, mu'imintoota dursanii du'aniin dhaqqabsiisi, wabii Ibraahiim aleeyhissalaam
keessatti taasisi, rahmata keetiin azaaba Jahannam irraa tiksi. sunnaa Imaamtichi cinaa mataa namticha
du'eetiin dhaabachuu dha, akkasuma cinaa jidduu dubartiitiin, yoo reeffi irratti salaatamu heddu ta'e dhiirri
gara imaamaa aanfama, dubartiin ammoo qiblatti aanti, Yoo isaaniin wajji daa'imni jiraate daa'imni dubartii
dura godhama, ergasii dubartii, itti aansuun micattii dubartii daa'imaa, mataan daa'imaa gara mataa
namtichaatti kaayama, jidduun dubartii gara mataa namtichaa aanfama, akkuma kana intalti daa'imaa
cinaa mataa dubartii godhama, jidduun ishee ammoo cinaa mataa namtichaa, namootni irratti salaatan
ammoo hunduu imaama duuba dhaabbatan, yoo tokkoo namaa imaama duuba bakka dhaabatu dhabe
tahe imaama cinaa mirgaatiin dhaabatee salaata. Saddeettaffaa Akkaata awwaala nama du'ee kan
hereffame yookin shari'aa godhame haga cinaa dhaabbina\hojja nama tokkoo boolla fageessani qotuu
dha, lahdiin kallattii qiblaan tahuu qaba, reeffi yoo lahdii sensifamu cinaacha mirgaatini, gudunfaan
kafanaas ni hiikkama, irraa hin fudhan akkasuma dhiisan, kan du'e dhiira tahus dubarti fuulli hin banamu,
eegana dhagaa bocamaa irra dhaaban, akka cimee dhabatufi biyyee akka irraa ittisu dhoqqeedhan
mirrigama, Yoo dhagaan roga qabu hin argamin boca wahii ykn dhaka ykn muka kanuma biyyee irraa isa
ittisu (kaayuun ni dandahama), eegasii biyyee irratti dachaasan, hogguu san akkana jechuun ni
jaalatama: Maqaa Rabbiitiin akkasuma karaa Rabbiitirratti, Qabrii hanga taakku takkaa ol-kaasama, yoo
haalli mijate xirracha dhagaa caccabaa irra kaayan, bishaanis irratti faffacaafama Namootni nama du'e
awwaaluf dhufan qabrii bira dhaabachuun akka kadhataniif karaa godhamee jira/sunnaa dha; Nabiyyichi
S.A.W erga nama du'e awwaalanii booda dhaabatanii du'aa'ii godhaafii turan, akkanas jedhu:
Obboleessa keessanii araarama kadhaafii, gaafirrattis Rabbiin akka gad dhaabu kadhaafii, amma inni ni
gaafatamaa. Saglaffaa Nama salaata janaaza nama du'erratti hin salaatiniif erga awwaalameeyis irratti
salaatuun karaa godhamee jira.
Nabiyyichi S.A.W waan akkas godhaniif- haa tahuu sunis jidduu ji'aa yookin sanii gadi keessatti tahuu
qaba, yoo waqtiin sanii ol tahe qabrii irratti salaatuun karaa hin godhamne; Nabiyyicharraayis S.A.W
awwaala booda ji'arra taree qabrii irratti salaatan jechaan hin dhagahamne.
Kurnaffaa Warri namni irraa du'e namootaaf nyaata godhuun (qopheessuun) hin heyyamamu Jariir binu
abdillaah al-bajaliyyi-Rabbi isarraa haa jaalatuu-sahaabichi jedhamu waan akkana jedheef- Nuti warra
namni irraa du'e erga awwaalamee booda mana isaatti walitti qabamnee akkasumas nyaata hojjachuu
akka iyyanii booyuu farrisuutti laakkofna. Imaam Ahmad isnaada Sahiiha keessatti odeesse Garuu nyaata
isaaniif qopheessuu yookin keessummoota isaanii keessummeessuun rakkoo hin qabu, ollaani fi firoottan
warra namni irraa du'eef nyaata akka godhaniif karaa godhamee jira; Nabiyyichi S.A.W yeroo oduun du'a
Ja'afar bin Abii xaalib radiyallaahu anhu biyya Shaam irraa bira gahe- warra ofiitiin maatii Ja'afariif nyaata
akka qopheessan ajajanii turan, akkanas jedhan: wanti isaan shaagalu (dalagaa fi yaada itti baay'isu) itti
dhufee jiraa
Warri namni irraa du'e ollaa ofii waamatuun rakkoo hin qabu, nyaata isaaniif kennamee dhufe irraa waliin
nyaatuuf jecha, hanga shari'arraa beeknuun kanaafis yeroon murtaawaan hin godhamne.
Kudha tokkoffaa. Nama du'e irratti guyyoota sadihii ol gufufuun dubartiif hin heeyyamamu yoo dhiirsa
isiitiif yookin ulfa jiraatte malee
Dubartiif nama du'e irratti guyyoota sadihii ol gufufni (gadduun) hin heeyyamamuuf yoo dhiirsa isiitirratti
tahe malee, yoo namni du'e suni abbaa manaa isii tahe ji'a afurii fi bultii kudhan gufufti (gadditi), yoo ulfa
qabaatte malee yoo kana hanga ulfa deettuuti gufufti; kana keessatti hadiisonni sahiihaa Nabiyyicharraa
S.A.W wan raggaasifamaniif jecha.
Dhiirri garuu fira isaa tahinnaa nama biroorrattis gufufuun hin heeyyamamuuf.
Kudha lammaffaa. Dhiiraaf qabrii dhaqee ziyaaruun, du'aa'ii fi araarama nama du'eef kadhachuun
akkasumas du'aa fi waan san boodaa yaadachuun waqtii kamuu keessatti karaa godhamee jira. Nabiyyiin
nagayaaf rahmanni irratti haabu'u akkana waan jedhaniif Qabrii Ziyaaraa, isiin Aakhiraa ganda irra
boodaa isin yaadachiiftii. Imaamu Muslim hadiisa sahiiha keessatti baase, Rasuulli sallallaahu aleeyhi
wasallam Sahaabota ofii yeroo qabrii dhaqan maal akka jedhuu qaban barsiisaa turan: Assalaamu
aleeykum Ahla-ddiyari minal-mu'uminiina wal-muslimiin, wa innaa inshaa Allaahu bikum laahiquun,
Nas'alullaaha lanaa walakum al-aafiyah, yarhamillaahul mutaqaddimiina minnaa wal-musta'akhiriin.
Dubartootaaf garuu ziyaaran hin jiruuf dhoorgamaa dha; Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam dubartii
qabrii ziyaartu abaaranii jiran, ziyaaraa isaanitiin fitnaan akkasuma sabrii obsa dhabuun waan
sodaatamuuf jecha, akkuma kana reeffa hordofanii gara qabrii geegessuunis isaaniif hin heeyyamamu;
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam kanarraa waan isaan dhoorganiif jecha, garuu nama du'erratti
masjida keessatti yookin iddoo itti salaatamutti irratti salaatuun dhiiraafis dubartiifis karaa godhamee jira.
Kuni xumura Rabbiin waan walitti qabuu isaa naa laaffiseeti
Faaru fi Nageenyi Allaah nabii keenya Muhammadiin, maatii fi saahibban isaanii mara irratti haa jiraatu.